Fana: At a Speed of Life!

Raakkoo hawaas-diinagdee uummataa furuuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jirra-Preezdaant Shimalliis

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC)-Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaan raakkoo hawaas-diinagdee uummataa furuuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jirra jedhaniiru.

Preezdaantiichi kana kan jedhan sirna eebbaa Waldaa Aksiiyoona Maxxansaa Meelbaa har’a magaalaa Galaaniitti gaggeeffameerraattidha.

Hojiiwwan waarshaa pilaastikaa, sibilaa, dhaabbilee ijaarsaa fi faayinansii hojjechaa dhufeera, kunis hanqina gabaa hiikuu fi rakkoowwan jiran furuu keessatti gahee olaanaa gumaachaniiru jedhan.

Hojiiwwan inveestimanti Mootummaan naannichaarratti xiyyeeffate keessa tookkoo Meelbaa printingiii,pablishingii fi paakeejiingiti jedhaniiru.

Gadaawwan jiran keessa gadaan Meelbaa, isa tokkoo fi yeroo injifannoowwan gurguddoon itti galma’an, ammattis ummanni hawwiisaa bara dheeraa kan itti milkeeffatedha, maqaa kanaan moggasuu keessaniif galatoomaa jedhaniiru.

Injifannoo tokkoo, ijnjifannoo kan taasisuu bu’aa ba’ii fi miixuudha,kaanittis milkiin darbuuf cimnee haa hojjennuu jedhaniiru.

Meelbaan barreessitoota barreessanii fi ummataaf carraa guddaa kan banuu waan ta’eef haalan itti fayyadamuu qabdu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Hooggantoonnii fi misensoonni Meelbaa akkasumas naannoo Oromiyaa kana qofaan dhaabbachuu osoo hin taane kan caalutti tattaffachuu nurra jiraatas jedhaniiru.

Qamoolee ijaarsa waldaa Meelbaarratti shoora olaanaa  taphataniis galateeffataniiru.

Baankiin Misooma Ityoophiyaa liiqii mijeessuudhan  gahee bahaateefis galateeffataniiru.

Bara darbee prookjektoota 6,400 ol eebbisneerra kan jedhan preezdant Shimallis, hojiiwwan hojjetamanii fi bu’awwaan argamaniin osoo hin dhaabbatin hundu jabaatee akka hojjetuuf waamicha dhiyyeessaniiru.

Oromiyaa misoomsun Ityoophiyaa misoomsudha,hidha haaroomsaa fi proojektoota hafan tokkoo taane waliin haa xumurruus jechuusaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.