Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan gara biyya alaatti oomisha midhaanii ergituuf dambii kaffaltii haaraa baasuu beeksifte

 

 

 

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Raashiyaan gara biyya alaatti oomisha midhaanii ergituuf dambii kaffaltii haaraa baasteetti.

Dambii haaraa Mooskoo kanaan fayyadamtoota kan ta’an biyyoota michuu koo jettuun akka ta’e kan beeksiftee yoo ta’u, kaaffaltiin kunis maallaqa bittaa fi gurgurtaa Raashiyaa Ruubeeliin kan raawwatamuudha.

Itti Gaafatamaa Kubbaaniyyaa Oomisha Midhaanii Gamtoomanii biyyattii Dimiitirii Seergeev kana kan beeksisan marii Pirezidaanti Biyyattii Vilaadmiir Putiin waliin taasisaniin ta’uu eerameera.

Ijibti hanga ammaatti maamila olaantuu yoo taatu, Turkii waliinis waliigaltee kontiraataa garagaraa mallatteeffameera.

Waliigalaan waliigaltee Ruubeelii biiliyoona 3 yookaan Doolaaraa miiliyoona 47 mallatteessuu ibsaniiru.

Kubbaaniyyichi dhaabbilee quunnamsiistotaa gidduu seenan dhiisuun, kallattiin biyyoota bittootaa waliin hariiroo uumuun gurgurtaa raawwachuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Raashiyaan addaa durummaan biyyaa ooomisha qamadii gabaa alaaf dhiyeessituu ta’uu RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.