Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan xiyyaarota nam-maleeyyii Yuukireen 38 rukuttee kuffiste

Finfinnee, Guraandhala 24, 2016 (FBC)- Raashiyaan xiyyaarota nam-maleeyyii Yuukireen 38 rukuttee kuffisuu beeksiste.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka beeksisetti, waraanni Yuukireen naannawaa Bulchiinsa Kibba bahaa Kireenmiyaatti kan argamtu Magaalaa Fiyoodosiyaatti haleellaa diroonii raawwatteetti.

Haa ta’u malee, haleellaa diroonii gaggeeffameen miidhaa qaqqabe ilaalchisuun odeeffannoon eere kan hinjirre ta’uu akeekeera.

Waraannii Raashiyaa tarkaanfii deebii kennuu fudhateen xiyyaarota diroonii Yuukireen 38 rukutuun kuffisuun ibsameera.

Haleellichaan walqabatee Kireemiyaan riqicha Raashiyaa waliin walquunnamsiisu yeroof cufuu BBC’n gabaaseera.

Yuukireen michuuwwan ishee Awurooppaa wayita deeggarsa meeshaalee waraanaa gaafachaa jirtutti ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.