Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin dameewwan Diinagdee gurguddoon galma’e Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Baatiiwwan jahan darban Raawwiin dameewwan Diinagdee gurguddoon galma’e Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu ibsameera.

Manni Maree Ministirootaa Raawwiii hojii Kurmaan 2ffaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamaa jira.

Bara baajataa kana Diinagdeen Itiyoophiyaa % 7.9 guddachuu akka danda’u raawwiin baatiwwan jahan darban galmaa’e agarsiiftuu ta’u gamaaggamichaan ibsameera.

Akka fakkeenyatti baatiiwwan jahan darban Qonna Gannaarraa Oomishni kuntaalli miiliyoonni 496.9 argamuu Ministirri Pilaanii fi Karooraa Dooktar Fitsum Asaffaan gabaasa dhiyyeessaniin himaniiru.

Raawwii bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaamu Kuntaala miiliyoona 65 caalmaa qabaachuu eeraniiru.

Dameen Indaastiriis % 10 guddina galmeessuu dubbataniiru.

Daldalli Alaa fi Damee Invastimantiniis bu’aa gaariin argamuu Dookta Fitsum eeraniiru.

Akkasumas baatiwwan jahan darban Barnootaa, Fayyaa, Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaan bu’aan fooyya’aan argamuu gabaasa Raawwii Damee Hawaasummaa kan dhiyyeessan Ministirri Ministeera Barnoota Piroofeesar Birhaanuu Naggaan eeraniiru.

Sirna haqaa fi bulchiinsaa fooyyessuuf hojiileen hedduun hojjetamuus eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.