Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan dirqama raawwachuuf qophaa’ummaa fooyya’aarratti argama-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)- Raayyaan Ittisaa Biyyaa dirqama isaa raawwachuuf yeroo kamuu caalaa qophaa’ummaa fi ga’umsa fooyya’aarratti argama jechuun Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan dubbatan.

Mata duree “Yoomiyyuu ammayyaa’uu fi injifannoof haa qophoofnu” jedhuun sirni kabaja waggaa Ajaja Giddugaleessaa Daalool Magaalaa Jimmaatti kabajameera.

Saganticharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ergaa dabarsaniin, Ajaji Giddugaleessa Daalool ibiddaan kan qoramee fi birmadummaa biyyaaf gootummaa boonsu kan kaffalee ta’uu dubbataniiru.

Fuulduratti miseensonni Ajajichaas dirqama isaanii raawwii olaanaan akka bahataniif qophaa’ummaa isaanii daran cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Yeroo ammaas Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhannoo ammayyaa’aan gurmeesuun, dirqama itti kennamu raawwachuuf yeroo kamuu caalaa qophaa’ummaa fi ga’umsa fooyya’aarratti akka argamu ibsaniiru.

Kaayyoon Raayyaa Ittisaas birmadummaa Ityoophiyaa eeguu ta’uu eeranii, ergama kanas ga’umsaan ni bahata jedhan.

Giddugalli gootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa, ummataa Ityoophiyaatti kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuun, maqaa raayyichaa balleessuun ajandaa siyaasaa isaanii raawwachiisuuf qaamoleen tattaafatan, gochaa isaanii irraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Fuuldurattis Raayyaan Ittisaa egeree fi birmadummaa Ityoophiyaa kabajchiisuuf dirqama kamuu ga’umsaan bahachuuf qophii ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.