Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI vaayrasii koroonaarraa of eeggachuu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ergamasaa ga’umsaan akka ba’atu vaayrasii koroonaarraa of eeggachuu qaba jedhame.

Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad miseensonnii fi hoggansi raayyaa ittisa biyyaa vaayrasii koroonaarraa akka of eegu dhaamaniiru.

Eetaamaajoorichi of eeggannoo vaayrasii koroonaarratti taasifamuu qabu ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa nageenya biyya keessaa fi ergama nagaa kabachiisuurratti argaman, ergamasaanii ga’umsaan ba’achuuf of eeggannaa akka taasisan dhaamaniiru.

Raayyaan ittisaa fayyaasaa eeggachuudhan weerara vaayrasichaa ittisuu keessatti ga’eesaa akka ba’atu dhaamaniiru.

Kanaafis sadarkaa sadarkaadhan gareen hordoffii, hubannaa uumuu, ittisaa hundaa’uu ibsaniiru.

Vaayrasicha ittisuuf tuttuqqiin harkaa fi qaamaa akka hir’atus dhaamaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.