Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa hojii hawaasa balaa lolaarraa baraaruu hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa eegumsa daangaa Baha Itiyoophiyaatti bobba’ee jiru daangaa kabachiisuun cinaatti hojiilee hawaasa balaa lolaaf saaxilame baraaruu hojjechaa jiraachuu Ajajaan Koorichaa Birgaader Jeneraal Tashoomaa Yimar ibsan.

Naannawichatti balaan lolaa rooba roobeen mudateen Raayyaan Ittisaa naannawichatti bobba’e lammiilee humna hinqabne naannawaa balichi mudatee kaasuun galaa ofii ummataaf qooduun hojii aantummaa ummataa qabaachuu calaqqisiise hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Balichi namaa fi qabeenyaarraan miidhaa kan qaqqabsiise ta’us, miidhaa dabalataan utuu hinqaqqabsiisin hawaasaa baraaruu akka danda’e ibsaniiru.

Haaluma kanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaatti Ramaddiin Humna Qilleensaa Naannawaa Bahaa hoji lubbuu baraarsaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaas roobni roobaa jiraachuu baatus, humni qilleensaa naannawichaa lammiilee buqqa’an bidiruun geejjibsiisuun gara qe’ee jireenyaa isaanitti hojii deebisuu hojjechuu dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.