Fana: At a Speed of Life!

Ragga’uun Wixinee HR 6600 siyaasaa fi diinagdee Ityoophiyaa kan miidhu ta’uusaan akka hin raggaaneef hojjetamuu qaba- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Ragga’uun Wixinee HR 6600 fi S 3199 siyaasaa fi diinagdee Ityoophiyaa kan miidhu ta’uusaan akka hin raggaaneef hojjetamuu qaba jedhan dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa guyyaa har’aa laataniin Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa Deeviid Istaatarfiild waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan nageenya mirkaneessuuf yaaliiwwan hedduu taasisaa jiraachuu ibsuufii kaasuun wixineen HR6600 hariiroo Ameerikaa fi Ityoophiyaa kan miidhu ta’uu kaasuu isaanii dubbataniiru.

Kanaan walqabatee wixinechi akka hin raggaaneef waamicha dhiyeessuu isaanii ibsaniiru.

Kutaan bulchiinsaa Ameerikaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbanni gargaarsaa Oksifaam jedhamu deeggarsa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuusaa eeraniiru.

Mariin haleellaa gosti Muurlee daangaa ce’uun Ityoophiyaarratti raawwatan dhaabsisuuf dandessisu  gaggeeffamuu ibsaniiru.

Sagantaan imala gara biyyaa Iid Al Adahaarraa hanga Iid Al Faxir jedhu faayidaa amantaa fi aadaaf qaburra darbee Ityoophiyaanonni dhimma biyyasaaniirratti akka waliin mari’atan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Dippiloomaasii lammiirratti xiyyeeffatu ilaalchisee jilli olaanaan mootummaa  lammiilee Ityoophiyaa Sawud Arabiyaa jiran gara biyyaatti deebisuuf tattaaffii cimaa gochaa jiraachuu himaniiru.

Wandasan Araggahaanyitu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.