Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo sanada imalaa fi paaspoortii Itiyoophiyaanota Jiddaa jiraatanii hambisuuf mari’atame

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Rakkoo sanada imalaa fi paaspoortii lammiilee Itiyoophiyaa Jiddaa fi naannawaa ishee jiraatanii hambisuuf hoggantoota hawaasa naannawichaa waliin mariin gaggeeffameera.

Jilli Daayrektara Olaantuun Tajaajilaa Lammummaa fi Immigireeshinii Salaamaawwit Daawwitiin durfamu hoggantoota hawaasa Itiyoophiyaa bulchiinsa biyyattii garaagaraarraa baba’an waliin mari’ataniiru.

Aadde Salaamaawit Daawwit waltajjicharratti rakkoo haaromsa paaspoortii hambisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan duraan sanada seera qabeessaa qabaatanii lammiilee iyyannaa dhiyeeffataniif tajaajilli haaromsaa kennamuu himaniiru.

Fuuldurattis, hojiin lammummaa qulqulleessuu xiyyeeffannaa addaan kan hojjetamu ta’uu himuun, kanaafis hawaasni naannawichaa faddaaltota seeraan alaa saaxiluu, lammiileen karaa seera qabeessan akka keessummaa’an hubannoo uumuuf, dhaabbaticha waliin walta’iinsaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Sanda imalaan walqabatees rakkoolee jiran hambisuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru fooyya’aa jiraatus, fedhii jiru waliin kan wal hinmadaalle ta’uun, dhiyeessii jiru fooyyessuuf akka hojetamu mirkaneessuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.