Fana: At a Speed of Life!

“Rakkoon siyaasa Ityoophiyaa inni guddaan karaa nagaatiin waliin mari’achuu dhabuudha”- obbo Leencoo Lataa

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) –  “Rakkoon siyaasa Ityoophiyaa inni guddaan karaa nagaatiin waliin mari’achuu dhabuudha”- obbo Leencoo Lataa

Rakkoo nageenyaa bara darbe Yuunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti argaman keessatti mudatee ture furuuf paartiileen siyaasaa naannolee lamaanii yeroowwan gara garaa waliin mar’iachaa turaniiru.

Kaleessas waltajjiin marii dhimmoota nageenyaa, ijaarsa sirna dimokraasiifi hariiroo ummattootaa cimsuurratti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti eegalame har’a xumurama jedhamee eegamu geggeeffamaa jira.

Hayyuun siyaasaa gameessiifi waltaasisaan waltajjii marichaa, obbo Leencoo Lataa marii geggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, rakkoon paartiilee siyaasa Itoophiyaa inni guddaan karaa nagaatiin waliin mari’achuu dhabuudha.

“Rakkoon kun ammoo aadaan dimokraasii guddachuu dhabuurraa madda. Paartiileen siyaasaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa waggaa tokkoo as walitti dhufanii mari’achuu dimokraasii shaakaluu jalqabaniiru.

Waltajjiin akkanaa gara fuulduraattis paartiilee siyaasaa biroo biyyattii hirmaachisuun cimee ittifufuu qaba” jedhaniiru.

Marii paartiileen siyaasaa naannolee lamaanii taasisaa jiran rakkoolee mudatan karaa nagaatiin furuuf kan gargaaru ta’uus eeranii, marichi gara fuulduraatti paartiilee siyaasaa biroos hirmaachisuun sadarkaa biyyaatti adeemsifamuu qaba jedhaniiru. Mariin akkanaa waliigaltee uumuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Paartiileen siyaasaa rakkoo nageenyaa biyyattiitti uumamu hammeessuu fi wayyeessu waan danda’aniif paartiin kamuu dhimma nageenyaafi biyyaarratti ejjennoo tokko qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Humnootni mootummaarra jibba qabaniifi dhokatanii nageenya biyyattiifi ummataa booressaa jiranis gara mariitti dhufuu jedhanii, kana ta’uu baannaan rakkoo nageenyaa keessaa ba’uun kan hindanda’amne ta’uu eeraniiru.

preezdaantiin Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa Sheeh Sayid Mahaammad akka jedhanitti, rakkoo uumamu kamiifuu walitti dhufanii mari’atanii furmaata kaa’uun daran barbaachisaadha. Paartiileen siyaasaas faayidaa dhuunfaasaaniitiif osoo hintaane kan ummataafi nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.

Abbootiin amantii waa’ee nageenyaa barsiisuurratti, hordoftoonni amantiis waan abbootiin amantii barsiisan hojiirra oolchuurratti hanqina kan qaban ta’uu himanii, hordoftoonni amantii utuu waan abbootiin amantii isaan gorsan hojiirra oolchanii lubbuufi qabeenya namaa hinballeessan turan.

Ta’us garuu barsiisi abbootii amantii fi waltajjiin marii paartiilee siyaasaa kun cimee ittifufuu akka qaba jedhaniiru.

Maricharratti hirmaataa kan jiru Dargaggoo Gaaddisaa Abdiis, rakkoon nageenyaa akka uumamuuf sababa kan ta’an paartiilee siyaasaafi namoota dubbii sabaafi saba, amantiifi amantii walitti buusu miidiyaa hawaasummaarratti barreessaniidha jedha.

Sabummaa, siyaasaa fi amantiidhaan walqooduu dhiifnee akka nama tokkootti yaadnee rakkoo nageenyaafi ijaarsa sirna dimokraasii hiikuuf dursa kenninee hojjechuun nageenya biyyaatiif murteessaa ta’uus beeksiseera.

Mariin hayyootaa hariiroo Oromoofi Amaaraa cimsuu kaayyeffateefi sabootaafi sablammoota adda addaa akkasumas jaarmiyaalee siviikii, dargaggootaafi dubartoota hirmaachise Adaamaatti geggeeffamaa jiru kun waggaa tokko dura eegalame.

Mariiwwan kanaan duraatiin ejjennoowwan siyaasaa danuurratti waliigalteerra ga’uudhaan Fulbaana 23, 2013 dhimmoota qabxii 10 qabanirratti mallatteessuunsaanii ni yaatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.