Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 5 fi 100 ol to’atame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Godina saba Waghimaraa aanaa Gaazgiibilaa fi aanaa Addaa Argobbaatti Rasaasni seeraan ala daddabarfamaa ture kumni 5 fi 100 ol to’atamuu Waajjirri Poolisii aanaalee kanneenii beeksisan.
Itti aanaan Komaadaaraa Waajjira Poolisii Aanaa Addaa Argobbaa Mahaammad Baahirattaa, eeruu ummatarraa argame bu’uureffachuun hordoffii taasifameen rasaasni kumni 1 fi 960 to’atameera.
Baajaajiin rasaasicha fe’e keellaa cabsuudhaan qaamolee nageenyaa harkaa miliquuf tattaaffii taasisuu himaniiru.
Haaluma walfakkatuun, Bulchiinsa Saba Waaghimaraa Aanaa Gaazgiibilaatti namni dhuunfaa keellaa naannawaa Laalkiiwu cabsuun daandii biraatiin seeraan ala rasaasaa kuma 2 fi 141 jooniyyaan maruun gara Laastaatti ceesisuuf wayitaa yaalu poolisii aanichaan toa’atamuu.
Shakkamtoonni to’atamuun dhimmi isaanii qulqullaa’aa jiraachuun eerameera.
Hawaasni daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuuf walta’iinsa addaan hincitne taasisuu akka itti fufuu gaafatamuu ragaan TOI fi kominikeeshinii Aanaa Addaa Argobbaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.