Fana: At a Speed of Life!

Riippablikaanni Ameerikaa dandamannaa diinagdeef karoora Doolaara tiriiliyoona 1 ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC) – Riippablikaanni Ameerikaa dandamannaa diinagdeef karoora Doolaara tiriiliyoona 1 ifoomse.
 
Seenaataroonni Riippablikaanaa diinagdee sababii weerara vaayrasii koroonaatin miidhame dandamachiisuuf karoora Doolaara Ameerikaa tiriiliyoona 1 ifoomsaniiru.
 
Manneen barnootatiif Doolaara biiliyoona 100, Ameerikaanotaaf dhuunfadhaan kan kaffalamu Doolaarri 1,200 hammatameera.
 
Karooricharratti maallaqni ramadame ga’aa mitiin kan gaafatan Demokraatotaan mari’achuutu irraa eegama.
 
Ameerikaan weerarri vaayrasii koroonaa ega mudateen booda deeggarsa diinagdee fi namoota dhuunfaaf Doolaara tiriiliyoona 2.4 ol baasii taasisteetti.
 
Ogeeyyiin diinagdee biyyattii ammas maallaqni dabalataa kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
 
Maddi; BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.