Fana: At a Speed of Life!

Rooba cimaa sa’aatiiwwan walitti fufanii fi guyyootaaf roobuun lolaa, laggeen guutuu fi sigigaachuun lafaa mudachuu malu-Inistiitiyuuticha

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Rooba cimaa kutaalee biyyattii tokko tokkotti sa’aatiiwwan walitti fufaa fi guyyoota walitti aananiif roobuun lolaa, laggeen guutuu fi sigigaachuun lafaa akka mudatu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.

Inistitiyuutichi, raagaa haala qilleensaa baatii dhufuu ilaalchisuun ibsa baaseen, roobni baatii Hagayyaa naannawaa fayyadamtoota rooba Gannaa irratti akka cimu ibseera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti, sa’aatiiwwan walitti fufaa fi guyyoota walitti aananiif akka roobuu fi rooba cimaa kana hordofees laggeen guutuu fi lolaan kan uumamuudha jedheera.

Raaga haala qilleensaa baatii Hagayyaan naannawaa Kaabaa-Bahaa, Kaaba, Kaaba-Dhihaa fi Giddugaleessa biyyattiitti roobni cimaan akka jiraatu ragaaleen raaga haala qilleensaa ni eeru.

Baatii dhufu Naannoo Oromiyaa Lixa, Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaaggaa, Godinaalee Shawaa hunda, Jimmaa fi naannawaa Finfinnee, Godinaalee Naannoo Amaaraa fi Tigiraay, godinaalee Naannoo Afaar irra jireessi rooba idileen olii akka qabaatan ibseera.

Kana malees, Naannoo Beenishaangul Gumuuz, Naannoo Kibbaa Godinaalee Haadiyyaa, Guraagee fi Silxee, Walaayittaa, Geediyoo, akksumas, Naannoo Sidaamaa fi Kibba-Lixa Ityoophiyaatti, Naannoo Oromiyaa Godina Qeellem Wallaggaa, Iluu Abbaa Boor, Buunnoo Beddellee, Arsii fi Arsii Lixaa, Harargee Bahaa fi Lixaa, Dirree Dawaa fi Hararii, Godinaalee Gaambeellaa Hunda, Naannoo Somaalee Godinaalee Siitii fi Fuufan, haala qilleensaa jiidhaa jiraatuun walqabatee rooba idileen walmadaalu akka qabaatan eegama.

Dabalataan, roobni cimaan, walitti fufiinsa qabu fi duumessi akka jiraatu ereera.

Rooba cimaan walqabatee darbee darbee naannawaa tokko tokkotti lolaa fi laggeen guutuu akkasumas, sigigaachuun lafaa mudachuu mala ibseera.

Waan ta’eef, hawaasni naannawaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu gamanumaa eeggannoo akka taasisan akeekkachiiseera.

Gama biraatiin, naannawaaleen biyyatti hafan darbee darbee haala qilleensaa duummessawaa qabaataniin alatti haala qilleensaa gogaa qabaatu jedheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.