Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaan dhumaatii hamaa lammiilee biyyattii mudatee ture akka dandamattu gumaacha Itiyoophiyaan taasiifte galateeffatte

Finfinnee, Bitootessa 29, 2016 (FBC) – Guyyaan yaadannoo dhumaatii lammiilee Ruwaandaa waggaa 30ffaan yaadaatameera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa sirna Yaadannoo waggaa 30ffaa “Kwibuka” Ummata Ruwaandaa kanarratti argamaniiru.

Ruwaandaan dhumaatii hamaa lammiilee biyyattii mudatee ture dandamachuun sadarkaa ammarra jirturra akka geessu gumaacha Ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa taasiisan Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen galateeffataniiru.

Keessattuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yeroo dargaggummaa isaanii nagaa kabachiisaa waliin ta’uun duuluu isaanii ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.