Fana: At a Speed of Life!

Ruwaandaatti balaa lolaan lubbuun namoota 109 darbe

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Roobni cimaan lolaa fi sigiga lafaa qaqqabsiise Lixa Ruwaandaatti yoo xiqqaate lubbuu namoota 109 galaafachuu mootummaan biyyattii beeksiise.

Rooba cimaa halkan edaa Roobe hordofee Lolaa fi sigiga mudateen qabeenyi hedduun barbadaa’uu Ejensiin Biroodkaastiingii Mootummaa Ruwaandaa ibseera.

Lakkoofsi namoota miidhamanii dabaluu akka danda’u bulchaan bulchiinsa Dhiha Ruwaandaa Firaansoos Habitegeko himaniiru.

Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jraachuu ibsuu isaanii ‘Reuters’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.