Fana: At a Speed of Life!

Sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabraatooriin namoonni 106 vaayrasii koroonaarraa bilisa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabraatooriin namoonni 106 vaayrasii koroonaarraa bilisa ta’uu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksise.
 
Inistiityuutichi ibsa har’a lateen, tatamsa’ina vaaryasii koroonaa ittisuuf ummata waliin qidoominaan hojjechuun daraan barbaachisaa ta’uu ibsaeera.
 
Hanga ammaatti karra galumsaa hundaan namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 68 gara biyya keessaa galuu isaanii daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Dooktar Eebbaa Abaataan ibsaniiru.
 
Vaayrasii kana ittisuuf guyyaa kaleessaa eegalee imaltoonni 474 torbee lamaaf iddoo tursiisaa keessa galuun hordoffiin taasifamaafii jiraachuu daayreektarichi ibsaniiru.
 
Hojiin qorannoo namoota vaayrasicha waliin tuttuqaa qabanii cimee kan itti fufe yoo ta’u, dhaabbileen qorannoo lama yeroo dhiyootti hojii ni eegalu jedhame.
 
Bu’aan qorannoo laabraatoorii namoota 20 mallattoon vaayrasii koroonaa irratti muul’atee eeggamaa jiraachuus himaniiru.
Dhaabbileen meeshaalee qorannoo oomishan eeyyama fudhachuun oomisha eegaluu isanii kan ibsan Dooktar Eebbaan, rakkoo gama dhiyeessii meeshaalee qorannoon jiru furuuf xiyyooffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.