Fana: At a Speed of Life!

Saadiyoo Maaneen Yuuroo kuma 350 adabame

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa garee Biyyaalessaa Seeneegaalii fi Liivar Puul duraanii Saadiyoo Maaneen Yuuroo kuma 350 akka adabamu itti murtaa’uu Kilabni Baayern Muunik beeksiise.

Maaneen waahila isaa Leerooy Saanee kutaa uffannaa keessatti Reebuu isaan adabbiin kun itti murtaa’uu ibsameera.

Adabbichi seenaa Kilabichaan adabbii olaanaa ta’u eerameera.

Bara Faranjootaa 2012 Firaank Riibeeriin haaluma walfakkaatuun Ariiyan Rooban Reebuu isaanii Yuuroo kuma 50 adabamee ture.

Namuusa badaa akka kanaaf Kilabichi Obsa kan hin qabne ta’uu Leenjisaan Kilaba Baayern Muunik Toomaas Tuuheel ibsaniiru.

Waldabdeen Maanee fi Saanee gidduutti uumames furmaata argachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.