Fana: At a Speed of Life!

Saanitaayzariin dabalataan ni rabsama

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee guyyaa muraasaan booda saanitaayzarii dabalataa vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaran kan raabsu ta’uu beeksise.

Saamunaan qulqullinaa(saaniitaayzariin) dabalataa manneen qorichaa Kanamaa fi buufataalee fayyaatti kan raabsamu ta’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hawaasni yeroo saanitaayzarii bitatu of eeggannoo taasisuu akka qabu bulchiinsi magaalichaa ergaa dabarseera.

Keessattuu manneen qorichaa Kanamaatti hiriirri waan baayya’tuuf, tuttuqaa fi fageenya ofii eeggachuun bitachuu akka qabu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.