Fana: At a Speed of Life!

Saatilaayitiin basaasaa Kooriyaan Kaabaa dhaabbilee Ameerikaa suuraa kaasuun gabaafame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Saatilaayitiin basaasaa Kooriyaan Kaabaa tibba darbe gara samiitti furguggiste Masaraa Mootummaa Ameerikaa ‘White House’ dabalatee dhaabbilee biyyattii garaagaraa suuraa kaasuun gabaafame.

Saatilaayitii haaraan Kooriyaan Kaabaa humna Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa hordofuuf furguggiste kun suuraa Masaraa Mootumma Ameerikaa fi buufataalee waraanaa Ameerikaa iccitii ta’an akka argate eerameera.

Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun raawwii milkaa’aa saatilaayitii basaasaa biyyattii kanatti hedduu gammaduun ibsameera.

Dabalataan, Odola Garba Paasifikii irratti kan argamu Naannawaa Humna Qilleensaa Ameerikaa Andarsan suuraa kaasuun ibsameera.

Giddugaloota humna galaanaa lamaa fi qubannaa xiyyaaraa Varjiiniyaatti argamuu akkasumas naannawaa Magaalaa Room suura kaasuu RT’n gabaaseera.

Aanga’oonni Kooriyaa Kibbaa dhimmicha mirkaneessuu akka hindandeenyee fi Piyoongiyaangis suuraalee hibboo ta’an kana akka hinifoomsine ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.