Fana: At a Speed of Life!

Sababa hanqina dhiigaan lubbuu haadholii darbaa jiru baraaruuf Abbootiin amantaa gahee isaanii akka bahan gaafatame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Waltajjiin hubannoo uumuu Arjoomaa dhiiga Abbootii Amantaa waliin Adaamaatti gaggeeffaamaa jiraachuu ibsameera.

Ilaalcha dogoggoraa dhiiga kennuurratti jiruf hubannoo uumuuf sosochii duula hubannoo uumuu kennama turus ammas gahaa akka hin taane himameera.

Hojiin dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruu kan seektara tokkorraa qofa osoo hin taane, hirmaannaa qaamoleefi hawaasa hundaa kan barbaadu ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaan himaniiru.

Abbootiin amaantaa gahee mataa isaanii bayyachuu akka qaban dhaamaniiru.

Guyyaatti dhiiga Yuunitii kuma 18 barbadamu keessa kuma 1 qofatu argamaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Baankii Dhiigaa fi Tishuu Biyyaallessa Dooktar Ashannaafi Taazzab eeraniiru.

Sababaa hanqina dhiigaan lubbuu haadholii darbaa jiru baraaruu keessatti Abbootiin amantaa gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.