Fana: At a Speed of Life!

Sababa hojiifi hojjetaa walquunnamsiisuun ejensiiwwan sarbama mirga namoomaa raawwatan jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Sababa hojiifi hojjetaa walquunnamsiisuun ejensiiwwan sarbama mirga namoomaa raawwatan jiraachuu Biiroon Hojii Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee ibseera.

Ejensiiwwan biyya keessatti hojiifi hojjetaa walquunnamsiisuuf eeyyama fudhatanii socho’an keessaa adeemsa seeraa hordofuun warreen hojjetan muraasa ta’uu eerameera.

Biiroon Hojii Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee hojiimaatilee badaa ejensiiwwan hojiifi hojjetaa walquunnamsiisan irratti qorannoo hojjechiise ifoomseera.

Ejensiiwwan ajaja labsii hojjechiisaafi hojjetaa 1156/11 ala hojjettoota dirqiin hojii hojjechiisan jiraachuufi maallaqni ejensiiwwan dhaabbilee waliin waliigalanii argatan olaanaa ta’us hangi hojjettoota bira gahu baay’ee gadi aanaa ta’uu eerameera.

Ejemensiiwwan hojjettootaaf uffannaa hojii haalaan dhiyeessuu dhabuun waggaa guutuu uffata seeraa tokkoon akka hojjetan taasisuun hojjettoonni sarbama mirga namoomaaf saaxilamuu qorannichaan ifoomeera.

Biirichatti Daayrektarri Daayrektoreetii Babal’ina Bobbii Hojii Biyya Keessaa obbo Sabhaadiin Sulxaan ,ejensiiwwan  hojjetaa dhaabbilee garaagaraatti jijijjiiruun akka hojjetuuf dirqisiisan, maqaa gibiraafi sooramaan maallaqa hojjetaarraa ciccitu galii kan hin taasisne jiraachuu qorannoon adda bahuu eeraniiru.

Kana malees ejensiiwwan teessoon isaanii hin beekamne 30, sadarkaan gadi hojjetan 35, maallaqa qusannaa sooramaa kan hin qabne 22, eeyyama hin haaromsine 45fi sanada hin qabne  8 qorannichaan argamuu ifoomsaniiru.

Biiroo Hojii Intarpiraayiziifi Misooma Indaastirii Magaalichaatti Hogganaan Damee Carraa Hojiifi Wabii Nyaataa obbo Fissahaa Xibabuun gamasaaniin, ejensiiwwan eeyyama hin qabneefi osoo eeyyama hin haaromsiin hojjetan guyyoota shan keessatti biirichatti iyyannoo isaanii hin dhiyeessan taanaan tarkaanfiin seeraa irratti kan fudhatamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Mooliitoo Eeliyaastu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.