Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa biyyaalessaatti buufataaleen fayyaa 400 tajaajila baqaqsanii yaaluu waliin ga’uuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti buufataaleen fayyaa 400 tajaajila baqaqsanii yaaluu waliin ga’uuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Waldaan ogeeyyii Anisteezhiyaa mata duree “ Du’aatii Haadholii fi Daa’immanii hir’isuuf tajaajila qulqullina qabu kennuu barbaachisa” jedhuun yaa’iisaa 15ffaa gaggeessuu eegaleera.

Sadarkaa biyyaalessaatti tajaajilli baqaqsanii waldhaanuu da’umsaan walqabatu %3-5 ta’uu Dooktar Liyaan yaa’icharratti haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Kanaanis tajaajilicha osoo hin argatiin lakkoofsi lammiilee rakkoo fayyaa walxaxaaf saaxilamanii fi du’anii guddaa ta’uu kaasaniiru.

Du’aatii haadholii hir’isuuf akka biyyaatti tajaajila baqaqsanii waldhaanuu babal’isuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti buufataaleen fayyaa 400 tajaajila baqaqsanii yaaluu waliin ga’uuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsuu Waldicha wabeeffachuun TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.