Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa ijaarsa pirojektii jallisii Laga Qexoo daawwatame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC)- Godina Qellem Wallaggaatti sadarkaa raawwii Pirojektii Jallisii Laga Qexoo Birrii Biiliyoona 1.5 oliin ijaaramaa jiru koree sadarkaa Federaalaafi Naannoon daawwatame.

Pirojektichi qonnaan bultoota Aanaa Hawwaa Galaanii fi Sadii Canqaa fayyadamtoota akka taasisu fi yeroo ammaa raawwiin isaa % 33 qaqqabuun eerameera.

Ministir Deetaan Misteera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Namarraa Gabayyoo daawwannicharratti, pirojekticha yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajila jalqabsiisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Pirojektichi guutummaatti wayita xumuramus lafa hektaara kuma 5 ol kan misoomsuu fi hawaasa kuma 10 ol fayyadamtoota akka taasisu eeruu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.