Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa mallattoo dorgommii filannoo fi Maanifeestoo ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC)-Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa mallattoo dorgommii filannoo fi Maanifeestoo ifoomseera.
Sirnichi mata duree ‘obbolummaan Sabdanneessa Badhaadhina Waloof” jedhuu magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Sirnicharratti preezdantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hooggantoonni naannichaa biroon argamaniiru.
Obbo Fiqaaduu Tasammaa sirnicharratti haasawa baniinsaa taasisaniin, badhaadhina jechuun hiyyummaa osoo hin taane badhaadhina, boo’icha osoo hin taane moo’icha, dukkana osoo hin taane ifa, naasuu osoo hin taane gammachuu, jeequmsa osoo hin taane nageenya, paartii duudhaa gabbataa qabuu dha jedhaniru.
Preezdaant Shimallis, warri OPDO kaleessaa ibiiddaa keessa dhaabbatanii akka har’a geenyuuf wareegaama barbaachisuu kaffalaa turtan kabajni bara bara isiniif haa tahu jedhaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa hooggansa boqonnaa malee ummata tajaajiluuf kutannoon hojjetudha jedhaniiru.
Obbo Shimallis paartii Badhaadhinaa wanta 5 adda isa taasisaa kan jedha yoo ta’u, badhadhinni yaada haaraa ida’amuu fidee dhufe, paartii sabaa fi sablammoota ummattoota Ityoophiyaa hundaati, paartii dhaloota haaraati, paartii waan jedhe hunda gochaan agarsiisuu fi paartii kaleessarraa baratee, galaa godhachuun fulduratti tarkaanfatuudha jedhaniiru.
Ityoophiyaanummaan hunda galeessadha kan jedhan obbo Shimallis paartiin Badhaadhinaa Paartii humna haaraa dabalachuuf carraquudhas kan jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.