Fana: At a Speed of Life!

Safariikoomii fi Heeliiwoos Taawors Ityoophiyaatti damee misooma Teeleekoomirratti hojjechuuf fedhii qabu

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Safariikoomii fi Heeliiwoos Taawors Ityoophiyaatti damee misooma Teeleekoomirratti hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsan.
 
Heeliiwoos dhaabbata dhiyeessa Teeleekoom Landanitti argamu yoo ta’u waajjirri muummee Safaariikoom ammoo Keeniyaatti argame.
 
Safaariikoom Bahaa fi giddugala Afrikatti dhaabbata bu’aa qabeessa ta’eedha.
 
Ityoophiyaan iddoo hawwata gabaa dhaabbatichaa ta’uu itti gaafatamaan Faayinaansii Heeliiwoos Toom Griinwud ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti hojjechuuf deeggartoota waliin waliigaltee taasisuuf qophaa’uu ibsaniiru.
 
Hojii raawwachisaa olaanaan dhaabbata Safaariikoom Piitar Nideegwaan gama isaaniin, deeggartoota waliin Ityoophiyaatti hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.
 
Dameen Teeleekoom indaastiriiwwan carraa guddinaa olaanaa qaban keessa isa tokko ta’uu himaniiru.
 
Ityoophiyaan biyyoota Indaastirii Teeleekoomiif filatamoo ta’an keessa ishee tokko ta’uu ibsaniiru.
 
Maddi፡- standardmedia fi developingtelecoms
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.