Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Diyaaspooraa hirmaachise gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Sagantaan Ashaaraa magariisaa Diyaaspooraa hirmaachise gaggeeffameera.
Sagantichi Paarkii Diyaaspooraa keessatti kan gaggeeffame yoo ta’uu, dursummaa Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen miseensonni diyaaspooraa hedduun biqiltuu dhaabaniiru jedhame.
Dhalloonni akka baratuu fi yericha akka yaadatuuf akkasumas naannoo misoomsaa Diyaaspooraaf yaadannoo taasiisuuf magaalaan Finfinnee Paarkii Diyaaspooraa qopheessuu Aadde Adaanach ibsaniiru.
Hiikaan yaadannoo kanaa misooma magariisaa ol ta’uu ibsaniiru.
Diyaaspooraawwan saganticharratti hirmaatanis waamicha biyyaa fudhachuun misooma ashaaraa magariisaan ashaaraa isaanii kaa’uun miira addaa itti uumuu dubbataniiru.
Yeroo itti aanuus kallattii hundaan misooma biyyaa tumsuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.