Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Marsaa 2ffaan Dilbata dhufu eegala

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan kan bara 2015, Dilbata dhufu Waxabajjii 18, 2015 akka eegalu eerame.

Saganticha ilaalchisuun Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidantiitti Qindeessaan Kilastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurrahmaan Abdallaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, waggoottan afuran darban Sagantaa Asharaa Magariisaatiin biqiltuun biiliyoonaa 13.86 akka Oromiyaatti kan dhaabame ta’uu fi biqiltuuwwan 84% latuu himaniiru.

Bara kanas biqiltu gosa garaagaraa biiliyoona 4.5 dhaabbiif qophaa’uu ibsanii Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaan kan bara kanaa akka naannichaatti Dilbata dhufu Waxabajjii 18, 2015 akka eegalu himaniiru.

Dhaabbii biqiltuu kanarratti hawaasni miiliyoona 14 akka hirmaatu ibsameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.