Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan baniinsa tarkaanfii addaa (Ineeshiteevii) misooma dammaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 19, 2013 (FBC)- Sagantaan baniinsa tarkaanfii addaa (Ineeshiteevii) misooma dammaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira

Saganticharratti preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa fi hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee akkasumas kessummoonni naannoo fi federaalaa argamaniiru.

Naannoo Oromiyaatti oomisha dammaa daran dabaluudhaaf karooraafi tarkaanfii addaan hojiitti seenuudhaaf qophiin taasifamaa kan ture yoo ta’u, sagantaan baniinsaa guyyaa har’aa Magaalaa Jimmaatti taasifamees hojiin sagantaa addaan hojjetamu kun guutummaa Oromiyaatti kan jalqabame ta’uu isaa iftomsuufi.

Tarkaanfii addaa Oromiyaa galaana dammaa ni goona jedhuun fadhatamaa jiru kanaan gaagura dammaa ammayyaa kuma 300 oomishuun qonnaan bultootaa fi waldaalee oomisha dammaa irratti gurmaa’anif dhiyessuun carraa hojii 24,000 uumuuf hojjetamaa jira.

Kanaanis oomisha dammaa waggaatti kiilo giraamni miiliyoona 2.1 oomishamu gara kiilo giraama miliyoona 7.5 akka guddatu ni taasafamaa jedhaniiru Hoggantuun Eejansii Misooma Qabeenya Beelladaa Oromiyaa Dooktar Amiinaa Abduramaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan, carraafi haalli mijataa horsisa kanniisaafi oomisha dammaa akka naannootti jiru baay’ee bal’aa ta’uus sadarkaa xiyyeeffannoo barbaachisuun hin hojjetamnee jedhan.

Mootummaan naannichaa kana hubachiisuudhaan akkuma dameelee qonnaa birootti tarkaanfiifi karoorri addaa damee kanaa qophaa’ee hojii keessa seeneeraa jedhan.

Innisheeviiwwan bunaafi shayii, misooma qamadii bonaa, kuduraafi muduraa, misooma beelladaafi oomisha dammaa irratti fudhachuun sosochiin cimaa eegalameeraa jedhan.

Innisheetiviin oomisha dammaa kanas bu’aa qabatamaa akka fiduuf sadarkaa sadarkaa deeggarsaa fi hordoffiin kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.

Damee kanaan carraa hojii hedduu uumuu, omisha dammaa baay’inaafi qulqullinaan dabaluufi sharafa biyya alaa hedduu damee kana irraa argamsiisuuf ni hojjetama.

Kana milkeessuudhaaf mootummaan dhaabbata bosonaafi bineensoota bosonaa Oromiyaa waliin ta’uun gaaguronni ammayyaa waldaaleedhaan akka qopha’an taasifamaa jiras jedhan.

Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.