Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Cimsa Sirna Nyaataa Ityoophiyaa Magaalaa Dirree Daawaatti eegale

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Sagantaan Cimsa Sirna Nyaataa Ityoophiyaa Magaalaa Dirree Daawaatti eegaleera.

Sagantichi Ministeera Qonnaan qophaa’e yoo ta’u, adeemsa cimsa sirna nyaataa fi wabii nyaataa mirkaneessuu Ityoophiyaan gara fuulduraatti kan tarkaanfachiisu jedhame.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen haasawaa saganticharratti taasisaniin, Ityoophiyaan biyya guddina ariifachiisarra jirtu ta’uu eeraniiru.

Sirna nyaataa cimsuun wabii nyaataa lammiilee Ityoophiyaa Mirkaneessuu ta’uu kaasuun, Sagantaan cimsa sirna nyaataa guyyaa har’aa akka biyyaatti eegalame kun karoora nyaataan of danda’uu Ityoophiyaan qabattee imalaa jirtu kan dhugoomsu jedhan.

Daayirektarri Baankii Addunyaa biyyoota Gaanfa Afriikaa Oosmaan Diiyoon gamasaaniin, Sagantaan akkanaa rakkoolee nyaataan wal qabatanii biyyoota Afriika keessatti ka’an furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Sagantaan cimsa sirna nyaataa Ityoophiyaa har’a eegalame Uummata biyyattiif bu’aa guddaa argamsiisuu akka danda’u abdiin qaba jedhaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.