Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan cufiinsa waldorgommii barattoota shamarranii manneen barnoota bultii addaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Sagantaan cufiinsa waldorgommii barattoota shamarranii manneen barnoota bultii addaa magaalaa Finfinnee Waajjira Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromoniyaa keessatti gaggeeffameera.

Biiroon Barnoota Oromiyaa kabaja ayyaana barnoota dubaraa Oromiyaa sababeeffachuun barattoota shamarranii manneen barnootaa adda addaa kutaa 5ffaa hanga 12ffaa jiran dandeettii kalaqaa qaban gidduutti waldorgommiin agarsiisa kalaqaa guyyaa har’aa Galma Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromoniyaatti adeemsiseera.

Biirichi manneen barnootaa bultii addaa hundeessuun barattoota ga’umsa qabaniifi waa kalaquu danda’an heddumminaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsaniiru.

Hojiin kalaqa jajjabeessuuf hojjetamus cimee kan itti fufu ta’uu eeruun, sagantaa kunis shamarran ga’oomsuu, hojii hubannoo uumuu fi hirmaannaa shamarranii guddisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Dhaloota kalaqa haaraa kalaqan horachuun guddina teeknooloojii biyyaa saffisiisuu irra darbee, guddina diinagdee biyyaaf murteessaa waan ta’eef, hojiin eegalame cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Hirmaannaan shamarranii yeroo ammaa barnootarratti dabalaa dhufuu kan ibsan Dooktan Tolaan,dandeettiin barattoota shamarranii guddaa ta’uu eeraniiru.

Sirna cufiinsaa kanarrattis Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhaakim Muluu, Pireezidaantii mana murtii waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaasimalii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.