Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromoo Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Sagantaan hundeeffama Waldaa Qorannoo Oromoo Magaalaa Finfinnee Hoteela Ililliitti  gaggeeffamaa jira.

Jala bultii Ayyaana Irreechaa irratti hayyoonni fi abbootiin qabeenya Oromoo guddinaa fi misooma naannichaa Qorannoo saayinsaawaa irratti hundaa’een tumsuuf Waldaa Qorannoo Oromoo hundeessuuf saganticha qopheessan.

Saganticharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee anga’oonni olaanoo, abbootiin gadaa, haadholiin Siinqee, hayyoonni, abbootiin amantaa, abbootiin qabeenyaa Oromoo fi keessummoonni waamichi godhameef hirmaataniiru.

Sagantichaan filannoon boordii waldichaa kan gaggeeffamu yoota’u, sagantaa fi seera ittiin bulmaataa waldichaarrattis ni mari’atama jedhamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.