Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan irbaataa fi galii walitti qabuu qaama duula gara biyyaa ta’e gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Sagantaan irbaataa fi galii walitti qabuu qaama duula gara biyyaa ta’e kaleessaa masaraa mootummaatti  gaggeeffameera.

Muummen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad saganticharratti argamuun diyaaspooraawwan waamicha biyyaa dhaga’anii dhufan galateeffachuun Ityoophiyaa keessa sirriitti naanna’uun akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Proojektiiwwan hin daawwatamne daawwachuun akka jajjabeessanii fi hojii fooyya’aan akka hojjetamuu yaada fooyya’aa akka maddisiisan gaafataniiru.

Sagantichaan haala yeroo biyyaalessaarratti miseensota diyaaspooraaf ibsa laataniiru.

Mootummaan murtoo kamiinuu  kan murteessuu  dhimmoota murteessoo ta’an  kanneen akka  birmadummaa, faayidaa biyyaalessaa fi kabaja biyyaaf dursa kennuun ta’uu MM Abiy Ahimad ibsaniiru.

Eenyuunuu diina jennee hin farrajnu hundayyuu akka dhufaatii isaaniitti kan keessummeessinuu jedhaniiru.

Mariitti amanna yeroo jennu ulaagaalee kaa’uun dura wanta qaamoleen biroon  jedhan dhaga’uutu dursa jechuu akka ta’e ibsaniiru.

Yaada kamiinuu ni dhaggeeffanna, kan nu hin fayyadne ni dhiifna, adeemsa diimokiraasii sirrii karaa ittiin waliigalteerra ga’uu dandeenyu ni hordofna jedhaniiru ibsa isaaniin.

Biyya ijaaruu fi nageenya mirkaneessuun kan danda’amu karaa tasgabbaa’een ta’uu ibsuun yoomillee taanaan Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanotaaf kan wayyu waliin murteessina jedhan.

Murtoowwan murteessinu Ityoophiyaaf dursa kan kennan waan ta’eef hundi hubachuu akka qabu eeraniiru.

Dhiifamni egeree ijaaruuf malee kaleessa jijjiiruuf akka hin taane hunduu hubachuu akka qabu kaasaniiru.

Biyyi diina jedhamee farrajame akka hin jirree fi imaammanni biyyoota tokko tokkoo  ulaagaa Ityoophiyaan kaa’amaniin kan walii hin galle jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni seenaa Ityoophiyaa hubatan, Ityoophiyaa kabajanii fi abdii egeereeshee hubatan jiraachuus kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.