Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan sosochii  qaamaa  namoota kuma 200 ol hirmaachisu Dilbata ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Sagantaan sosochii qaamaa marsaa 6ffaan namoota kuma 200 ol hirmaachisu Dilbata dhufu Finfinneetti ni gaggeeffama.

Jiraattootni magaalichaa Sosochii qaamaa aadaa akka godhataniif Ispoortiin hunda hirmaachisu Dilbata kan gaggeeffamu ta’uu Seekreeteeriyaaliin Preesii Magaala Finfinnee aadde Feevan Tashoomaa himaniiru.

Sosochiin qaamaa Dilbata dhufu ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee gaggeeffamu kun akka Afrikaatti Ispoortii hirmaattoota hedduu isa jalqabaa ta’a jedhaniiru.

Ispoortichi dhaadannoo ‘misooma magariisummaa Finfinneef qooda koo nan baha’ jedhuun gaggeeffama.

Sagantaa kana irratti aanga’oonni mootummaa olaanoon , waldaaleen Ispoortii, deeggartoonni garee kubbaa miilaa Buna Ityoophiyaa fi Qiddus Giyoorgis, namoonni bebbeekkamoon,  ogeeyyiin  aartii,  atleetoonn fi dhaabbileen barnootaa olaanoon kan irratti hirmaataan ta’uu ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalichaa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.