Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan yaadannoo wareegama Dooktar Anbaachoow Makonniin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Sagantaan yaadannoo wareegama Pireezidaantii duraanii naannoo Amaaraa Dooktar Anbaachoow Makonniinii fi hoggantoota naannichaa waggaa 4ffaan gaggeeffameera.

Sagantaa kanaan guyyaan wareegama Dooktar Anbaachoo dabalatee Izazaw Waasee fi Migibaaruu Kabbadaa yaadatameera.

Saganticharratti Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebalii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo fi maatiwwan wareegamtootaa argamaniiru jedhame.

Seenaan wareegamtoota kanneenii seeneffamaa jiraachuu eerameera.

Faawundeeshiniin Dooktar Anbaachoow Makonniin Finfinneetti hundeeffamuun kan yaadatamuudha.

Faawundeeshinichi barnoota, qorannoo fi qo’annoo, qonna, dhimmoota hawaasummaa fi diinagdeerratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Sisaay Geetinnatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.