Fana: At a Speed of Life!

Sarara elektirikii Balas-Dabramaariqoos-Sulultaa irraatti yakka hannaa raawwatameen miidhaan qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)– Sarara elektirikii Balas-Dabramaariqoos-Sulultaa irraatti yakkaa hannaa raawwatameen miidhaan qaqqabuu Qajeelchi Oppireeshinii Buufataalee Raabsaa fi Sararoota Dabarsaa Elektirikii Riijinii Kaaba Dhihaa beeksise.

Ogeessi suphaa qajeelchichaa Obbo Addabaabaay Achaawu, utubaa sibiilaa sarara dabarsaa humna elektirikii olaanaa kiiloo vooltii 400 Balas-Dabiramaariqoos-Sulultaa irratti yakka hannaa raawwatameen utubichi kufuu ibsaniiru.

Yakki hannichaa kan raawwatame naannawaa Gammoojjii Abbaayitti ta’uu fi utubaa sararaa humna elektirikii tokkorra miidhaan qaqqabeera.

Hojiin suphaa utubaa sararichaa gaggeeffamaa jiraachuu ogeessichi himuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa arga,e ni mul’isa.

Namoonni yakka hannichaa raawwataniiruun shakkaman to’annoo seeraa jala ooluun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus eeraniiru.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.