Fana: At a Speed of Life!

Sarjiyoo Raamos seenaa kubbaa miilaa jaarraa 21ffaa keessatti taphata kaardii diimaa hedduu argate ta’e

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Taphataan duraanii Riyaal Maadriidifi PSG Sarjiyoo Raamos eda galgala tapha Riyaal Soosiidaan Seevillaa waliin taphaterratti Kaardii Diimaan dirree keessaa ba’eera.

Kanaanis kaardii Diimaa 29ffaa isaa argateera.

Kilaba bara ijoollummaa isaa Siviyaatti erga deebi’ee kaardii diimaa isa jalqabaa argateen dirree keessaa ba’eera.

Seenaa kubbaa miilaa isaa keessatti ammoo Kaardii Diimaa 29ffaa argachuun jaarraa 21ffaa kana taphataa kaardii diimaa hedduu argate jalqabaa ta’uu ibsameera.

Rafael Marquez yeroo 21, Felipe Meeloon yeroo 20 Kaardii Diimaa argachuun itti aanu.

Maddi :-BBC

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.