Fana: At a Speed of Life!

Seenaa, eegumsa hambaa fi Arkiyooloojiin tumsi faayinaansii Faransaay kan baroota dheeraati-Pireezidaanti FDRI

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC) – Seenaa, eegumsaa hambaa fi hojiilee arkiyooloojiirratti tumsi faayinaansii faransaay kan baroota dheeraati jechuun Pireezidanti FDRI Saahilawarqi Zawudee ibsan.

Abbaan Taayitaa Eegumaa Hambaalee Ityoophiyaa Embaasii Faransaay waliin ta’uun bifa haaraan kan gurmaa’e Giddugala Arkiyooloojii Gola Hambaa Biyyalessaa Ityoophiyaa eebbifameera.

Pireezidaanti Saahilawarqi saganticharratti haasawaa taasisaniin, seenaa, eegumsaa hambaa fi hojiilee Arkiyooloojiirratti tumsi faayinaansii Faransaay kan baroota dheeraati jedhan.

Biyyattiitti argannoon Arkiyooloojii ogeeyyii biyyoota lameeniin kan dhugooman ta’uu ibsaniiru.

Giddugalli Arkiyooloojii Gola Hambaa Biyyalessaatti ifoome hambaalee ummataaf hinifoomin qabate, kanneen duraan hinhammatamin hammatamuu dinqisiifataniiru.

Ministirri Ministeera Tuuriizimii Naasisee Caalii gama isaaniin, hambaaleen durii gurmaa’uu fi karaa saayinsaawaa ta’een ol kaa’amuu dhabuun daawwattootaaf mijataa hinturre jedhan.

Deeggarsa Embaasii Faransaayiin Giddugalli gurmaa’e garuu rakkoolee damechaa ni fura jedhaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.