Fana: At a Speed of Life!

Seenaaf Waaqumaa kilaba Raayyaa Ittisaatti makamte

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Taphattuun Sarara fuulduraa duraanii Kilaba magaalaa Adaamaa Seenaaf Waaqumaa gatii rikoordii haaraan Raayyaa Ittisaaf mallatteesite.
 
Ga’umsa garee biyyaalessaa fi kilaba magaalaa Adaamaa keessatti agarsiifteen kilaboota hedduun barbaadamaa kan turte seenaaf Waaqumaa kilaba Raayyaaf Ittisaatti makamteerti.
Marii yeroo dheeratiin booda Kilabii Raayyaa Ittisaaf kan mallatteesite Seenaaf Waaqumaa taphattuu kilabichaa kaffaltii olaanaan kaffalamuuf taateerti.
 
Seenaaf Waaqumaa waggoottan sadan darbanii kilab magaalaa Adaamaaf tajaajilaa turte.
 
Akkaadaamii Xirunesh Dibaabaa keessatti kan guddattee Seenaaf Waaqumaa yeroo ammaa ga’umsaa olaanarratti argamuu ishee isameera.
 
Kilabni Raayyaa Ittisa Biyyaa bara kana Shaampiyoonii liigichaa ta’uuf hojjechaa jiraachuu himameera.
 
Taphattoota hedduus gara kilabichaatti fidaa akka jiru himameera.
 
Shaampiyooniin Priimeyar Liigii dubartoota Ityoophiyaa bara 2011magaalaan Adaamaan taphattota hedduu gadi lakkisaa jiraachuu eerramera.
 
Madda:- Ethio women Sport
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.