Fana: At a Speed of Life!

Seenaan ijnjifannoo Adwaa dhaloota dhufuuf imaanaa dabalataa biyyaaf dursa kennuuti-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Seenaan injifannoo Adwaa dhaloota dhufuuf imaanaa dabalataa tokkummaan biyyaa eeguu, jaallachuu fi biyyaaf dursa kennuuti jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Guyyaa injifannoo Adwaa 128ffaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Guyyaan yaadannoo injifannoo Adwaa baranaa wayita kabajamu sadarkaa injifannicha gituun yaadannoo ijaaruun gootota leellisaa taa’uun addaa kan taasisuudha jedhan.

Itiyoophiyaanonni garaagarummaa hundaa dhiisuun akkuma gamtaan ka’uun, qabsaa’uun injifannoo gonfatan, mallattoo tokkummaa, walkabajaa, jaalalaa, gootummaa fi cichoominaa ta’uun seenaa waloo ummatoota gurraachaa halluu warqeen barreeffameedha jedhaniiru.

Seenaan injifannoo Adwaa nu’ii fi dhaloota dhufu tokkummaan biyya eeguu jaallachuu fi biyyaaf dursa kennuuf imaanaa dabalataa ta’uu ibsanii, “Imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan eegalte tokkummaan, walkabajaan, jaalalaan, gootummaa fi cichoominaan galmaan ga’uuf seenaa gootummaa bara keenyaa waloon haa barreessinu” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.