Fana: At a Speed of Life!

Seera kabachiistota fakkaachuun kanneen yakka raawwatan hidhaa cimaa hanga waggaa 25’n akka adabaman itti murtaa’e

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Gurmaa’uun seera kabachiistota fakkaachuun meeshalee waraanaa fayyadamuun namoonni yakka saamichaa raawwatan hidhaa cimaa hanga waggaa 25’n akka adabaman itti murtaa’e.

Himatamtoonni Lamuu Gishee, Warquu Gishee, Baqqalaa Yaamii, Olaanaa Girmaa, Alamaayyoo Soorechaa fi Awwaqaa Diras jedhaman, faayidaa hinmallee argachuuf gareen gurmaa’uun, Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti Waxabajjii 7, 2015 seeraa kabachiistotaa fakkaachuun konkolaattootaa fe’umsaa Iyisuuzuu Magaalaa Adaamaa seenaa jiru dhaabsisuun konkolaachisaa fi gargaaraa konkolaachisaa Shugguxii fi Albeen sodaachisuun Birrii kuma 80 fi bilbila harkaa samuun eerameera.

Dabalataan ijaa isaanii hidhuun gara daggalaatti geessuun harkaa fi miila isaani mukatti hidhuun konkolaattota ammo gara Finfinneetti geessuun Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii akka dhoksan galmee himannaan isaanii ni argisiisa.

Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa balleessaan yakkamtoota waan mirkanaa’eef Lamuu Gishee hidhaa cimaa waggaa 25’n akka adabamu yoo itti murteessu, Warquu Gishee, Baqqalaa Yaamii, Olaanaa Girmaa, Alamaayyoo Soorechaa, tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 24’n akka adabaman murteesseera.

Awwaqaa Diras ammoo hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6’n akka adabamu itti murtaa’uu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.