Fana: At a Speed of Life!

Seera qabeessummaa idil-addunyaa waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti taasifamerratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC) – Seera qabeessummaa idil-addunyaa fi fudhatamummaa sanada waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti taasiifamerratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Waltajjichi qopheessumaa Inistiityuuti Seera fi Haqaa Fedeeralaan kan qindaa’ee ta’uun ibsameera.

Pireezidaantii Ittaanaa Mana Murtii Waliigalaa Fedeeraalaa Abbabaa Imbi’alee,Ittaanaa Daayrektaraa Inistiityuutichaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa dabalatee dhaabbiileen haqaa garaagaraa fi keesssummoonni waamichi taasifameef biroon waltajjicharratti argamaniiru.

Dhaabbatichi qaamoolee dhimmichi ilallaatuu waliin ta’uun dhimmoota faayidaa biyyaaleessaa kabachisanirratti qorannoo gaggeessuu fi hubannoo kan uumuu ta’uu Ambaasaaddar Daggifee Bulaan dubbachuu TOI gabaaseera.

Kaayyoon waltajjichas waliigaltichi qajeeltoo seeraa idil addunyaan maala akka fakkaatuu fi fudhatamummaa isaa ilaalchisee hubannoo uumuuf ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.