Fana: At a Speed of Life!

Seeraan ala daddabarsitoota albuudaa seera qabsiisuuf tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa-Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Mootummaan seeraan ala daddabarsitootaa fi oomishtoota albuudaa seera qabsiisuuf tarkaanfiin fudhachuu eegale cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dubbatan.

Naannoo Beenishaangl Gumuzitti Komaad Postiin to’annoo albuudaa baatiiwwan sadiif hojiilee hojjetaman abbootii qabeenyaa damicharratti boba’an waliin gamaaggamameera.

Waltajjicharratti Obbo Ashaadilii Hasan, Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, ajajaa Koori 404’ffaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Sayife Aangeniin dabalatee qaamoleen nageenyaa fi qondaaltonni naannichaa argamaniiru.

Obbo Ashaadilii Haasab, damee albuudaa irratti seeraan alummaan mul’atu, biyya gara cabiinsa diinagdeetti galchuuf kan kaayyeffate ta’udha jedhan.

Abbootiin qabeenyaas damee bobba’anirratti ofis fayyadanii biyya fi hawaasaa naannawaa fayyadamaa akka taasisan fedhii jiru ta’uu eeruun, erga yeroo dhiyoo as garuu gochaaleen faallaa kanaa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Seeraan alummaa damecharratti mul’atu to’achuuf hojjetamaa jiraachuu fi to’annichi ergaa eegalee oomishi gara Baanki Biyyaalessa galu fooyya’iinsa argisiisuu himuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuuldurattis mootummaan seeraan ala daddabarsitoota oomisha albuudaa seeraa qabsiisuuf tarkaanfii seeraa fudhatachuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.

Jeneraala Abeebawu Taaddasaa gama isaaniin, oomisha albuudaa duubaan kaayyoo biraa qabaatanii biyyi akka hinfayyadamne kanneen hojjetan eeyyama isaanii haquu fi tarkaanfiin seeraa kan irratti fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

Abbootii qabeenyaa haqaan hojjetaan jajjabeessuun deeggarsa taasisuu fi haala mijataa uumuun akka barbaachisuus ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.