Fana: At a Speed of Life!

Shaakalli hojiirraa hojiilee nageenyaa fi eegumsaa humni waloo nageenyaa magaalaa Finfinneetti taasiise xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 20015 (FBC) -Shaakalli loltummaa hojiirraa hojiilee nageenyaa fi eegumsaa humni waloo nageenyaa magaalaa Finfinneetti taasiise milkiin xumuramuu humni walichaa beeksise.

Humni walichaa shaakalichi milkiin akka xumuramu tumsa jiraattoonni magaalaa Finfinnee galateeffateera.

Shaakalli hojii fi eegumsaa Daandiwwan gurguddoo magaalaa Finfinneetti taasiifame milkiin xumuramuu ibseera.

Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa yeroo garaagaraatti yaa’iwwan Sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti gaggeeffaman karaa nagaan akka xumuraman shaakala hojiirraa taasiisa turuun kan beekamuudha.

Ammas yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa tibbana gaggeeffamu rakkoo tokko malee akka xumuramu shaakalli hojiirraa eegumsaa fi hojiilee nageenyaa bu’uura godhate taasifamuu eeramsera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.