Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa Iskootilaanditti gaggeeffamurratti Atileetoonni Itiyoophiyaa 14 ni hirmaatu

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC) – Fiigicha mana keessaa Addunyaa Iskootilaanditti gaggeeffamurratti Atileetoonni Itiyoophiyaa14 fageenya garaagaraa kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Fiigicha kanarratti Itiyoophiyaan Atileetoota dhiiraa 6 fi dubartootaa 8 bakka kan buutu ta’uu eerameera.

Fageenya meetira 800 Atileet Haabtaam Alamuu, Tsiggee Dhugumaa kan hirmaatan yoo ta’uu, Atileet Warqinash Massalaan eeggattuudha.

Meetira kuma 1 fi 500 ammoo Atileet Fireewayinii Hayiluu, Dirribee Waltajjii fi Birqee Hayaloom Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu jedhame.

Atileet Lamlam Hayiluu, Gudaaf Tsagaayii fi Hiruuti Mashashaan meetira kuma 3 kan hirmaataan yoo ta’uu, Maliknaat Wudduun eeggattuudha.

Meetira kuma 3 dhiirootaan ammoo Atileet Salamoon Baraggaa, Geetinnat Waalee kan hirmaatan yoo ta’uu, Atileet Xilahuun eeggataa ta’uu ibsameera.

Atileet Saamu’eel Tafarraa fi Biiniyaam Mahariin meetira kuma 1 fi 500 Itiyoophiyaa bakka bu’u jedhameera.

Meetira 800 Atileet Eefireem Makonniin ni hirmaata.

Shaampiyoona Addunyaa mana keessaa Iskootilaanditti gaggeeffamu kanarratti Atileetoonni biyyoota 133 irraa walitti babba’an 651 kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Warqinahi Gaashahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.