Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa guyyaa har’as itti fufee jira

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) –  Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa Istaadiyeemii Magariisa Asallaatti gaggeeffamaa jiru guyyaa har’as itti fufee jira

Oolmaa guyyaa 4ffaa Shaampiyoonichaan gosti dorgommii 6 xumura kan argatan yoo ta’u, dorgommiin darbannaa Eeboo dhiirotaa fi darbannaan  Aloolloo dubartootaa, akkasumas fiigichi meetira kuma 3 fi meetira dhibba 2 koorniyaa lamaaniinuu eegalameera.

Shaampiyoonnich guyyaa boruus kan itti fufu ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa argame ni mul’isa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.