Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan ispoortii aadaa marsaa 18ffaa fi feestivaalli ispoortii aadaa 14ffaan kaleessa magaalaa Dirre Dawaatti eegale

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaan ispoortii aadaa marsaa 18ffaa fi feestivaalli ispoortii aadaa 14ffaan kaleessa magaalaa Dirre Dawaatti eegaleera.
Shaampiyoonaan kun dhaadannoo ispoortiin aadaa keenya tokkummaa keenya jedhuun dorgomama.
Shaampiyoonaa kana irratti naannoo Tigraayiin alatti naannoolee hundi fi bulchiinsi magaalotaa finfinnee fi Dirree Dawaa hirmaataniiru.
Dhiheenya naannoo kibbaan adda bahuun of danda’ee kan hundaa’e naannoon Sidaamaa yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa kana irratti hirmaateera.
Sirna baniinsaa shaampiyoonaa kanaa irratti argamuun dhaamsa baga nagaan dhufanii hirmaattotaaf kan dabarsan Kantiibaa itti aanaan bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaar ispoortiin aadaa mallattoo tokkummaa sabootaa fi sablammootaati jedhan.
Tokkummaan Aduwa irraatti saboonniifi sablammoon biyyatti hojjetaan dhaloota amman irra deebi’smuu qabas jedhaniiru.
Komishiinarri itti aanaan komishinii ispoortii Federaalaa Duubee Jiloo akka Iiyoophiyaatti gosoonni ispoortii
aadaa 290 akka jiran eeruun ispoortii kana babal’isuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.