Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Oromiyaa olaantummaa Magaalaa Shaggariin xumurame

Finfinnee, Amajjii 30, 2016(FBC)– Waldorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Oromiyaa 29ffaafi Agarsiisni Feestivaala Aadaa 16ffaa Godina Shawaa Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Ambootti torban lamaaf gaggeeffamaa ture olaantummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin goolabameera.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, yeroo jalqabaaf hirmaachuun shaampiyoonaa yoo ta’u, Godinni Shawaa Lixaa ammo 2ffaan goolabaniiru.

Itti Gaafatamaan Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Baqqalaa Iraasuu Ispoortiin aadaa bu’uura Ispoortii Ammayyaa ta’uu fi ispoorteessitoota hedduuf carraa bal’aa kan kennuu ta’uu himu.

Sirna cufiinsa dorgommichaarrattis hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa, Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Hacaaluu Gammachuu fi Bulchaan Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa argamaniiru.

Shaampiyoonaa kanarratti Ispoorteessitoonni gahumsa gaarii argisiisan Naannoo Oromiyaa Bakka Bu’uun Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Biyyaalessaarratti akka hirmaatanis himameera.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.