Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Kilaboota Oromiyaa Olaantummaa Kilabii B/M/Adaamaan xumurame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Shaampiyoonaa kilaboota Oromiyaa 12ffaan Naannoo Oromiyaa Magaalaa Asallaatti gaggeefamaa ture olaantumma Kilabii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaan xumurame.

Sirni cufiinsaa sagantichaarratti Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa, gaggeessitoota olaanoon Naannoo fi Bulchiinsa magaalaa Asallaa argamani jiru.

Obbo Maatiyoos Sabbooqaan ergaa dabarsaniin gama altileetiksiin hojii bal’aa hojjechuun Oromiyaa Galaana Atiletiksii akka taatuuf ni hojjenna jedhan.

Ispoortii biyya keenya guddisuu keessatti ga’een kilabootaa olaanaa ta’u ukan kaasaan Obbo Maatiwoos, biyya keenyaas beeksisuu fi injifannoo jiru itti fufsiisuuf ni gumaacha jedhan.

Hirmaannaa Atiletootaa Isportii keessatti dagaagsuun olaantummaa naannoo oromiyaa bakka duraatti deebisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Dorgommii Shaampiyoonaa Kilaboota Oromiyaarratti Kilabnii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Dubaraan qabxii 189, dhiiraan qabxii 232, waliigalaan qabxii 421’n olaantummaan xumuruu ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Waldorgommiin kanarratti Fiigicha Gabaabaa, Giddugaleessa, Gufachiisaa meetira kuma 3 fi gochaawwan Dirreen Sadaasa 24, 2016 irraa eegalee Magaalaa Asallaarratti gaggeeffamaa turuun har’a xumurameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.