Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonsi Liigii dubartoota Awrooppaan gareen dubartoota Liyoon abbaa waancaa ta’e

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Shaampiyoonsi Liigii dubartoota Awrooppaan gareen dubartoota Olompik Liyoon Woolviisbarg 3 fi 1n injifachuun abbaa waancaa ta’e.
 
Tapha xumuraa garee dubartootaa shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa Olompik Liyoonii fi Woolviisbarg waliin walitti fideen Olompik Liyoon injifchuun yeroo 5ffaaf abbaa waancaa ta’eera.
 
Tapha kanaan taphattuun sarara fuulduraa garichaa Lammiin Faransaay Laa Soomer daqiiqaa 26’ irratti goolii tokko lakkoofsisteerti.
 
Lammiin Jaappaan Saakii Kuumaagiin daqiiqaa 45’ irratti goolii tokko dabaluun 2-0n boqqonnaan duraa xumurameera.
 
Aleeksaandaraa Popp Woolviisbargiif daqiiqaa 59’ irratti goolii moo’atamuu jala hin baraarre lakkoofsiteerti.
 
Kubbaa Laa Soomer mijeessiteef Gaanarsdottir daqiiqaa 89’ irratti Liyooniif goolii tokko dabaluun Liyoon abbaa waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa bara kana ta’eera.
 
Gareen Dubartootaa Olompik Liyoon bara Farnjootaa 2011, 2012, 2016, 2017, 2018, 2019 fi 2020 waggoota 10 keessaatti Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa moo’achuun seenaa hojjetaniiru.
 
Taphattuun kubbaa Miilaa Laammiin Ingilaanda Luusii Broonz ammoo garee kana waliin yeroo 3ffaaf waancaa kana injifatteerti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.