Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Piroojektoonni misoomaa Birrii biiliyoona 16 ijaaramuufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Piroojektoonni misoomaa Birrii biiliyoona 16 ijaaramuuf ta’uu ibsameera.

Jilli Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu kutaa Magaalaa Laga Xaafoo laga Daadhitti piroojektoota garagaraa baajata mootummaafi hirmaannaa uummataa Birrii miiliyoona 374 oliin hojjetamaa turan eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasiseera.

Piroojektoonni kunneen manneen jireenyaa hawaasa harka qalleeyyii, manneen barnootaa idileen duraa, giddu gala gabaa fi hojiilee miidhagina daandii ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.

Bara baajataa 2016 keessaa Birrii biiliyoona 16 oliin Piroojektoota misoomaa adda addaa ijaaruuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.